|
|
SIYAASAA
Bu’urri
qabsoo AWO Oromiyaa walaboomsuudha
- Kaayoo
Siyaasaa
Hundeen kaayoo AWO mirga ummani Oromiyaa hiree ofii-mataa-ofiitiin
murteeffachuuf qabu daangaa tokko malee hujii irra oolchuuf sirna
kiyoo-gabrummaatii fi Impaayera Itoophiyaa diiguudhaan, ummata bilisaan,
biyya walaba keessatti mootummaa birmaduu dimokraa-tawaa ummata
Oromiyaa (Independent Democratic Republic of Oromia) utubuudha.
Mirgi hiree ofii-mataa-ofiitiin murteeffannoo fi mirgi dimokraasii
ka saba tokkoo calla osoo hintayin mirgoota sabaa fi imammatoota
addunyaa guutuu waan ammatuuf mirgoonni kunneen qabiyyeen isaani
idilee addunyaa (universal) jedhee ammana AWOn.Imaammaanni bareeffama
fuul kanaa, waayee ummata Oromoo, qabsoo, lafaa fi aadaa isaa gabaabatti
dubbiftoota hubachiisuudha. Bittaa gabrumma Tophiyaa jalatti rakkoo
ummata Oromoo mudate, akkasumattis, qabsoo bilisummaaf geggeeffame
keessatti miidhaa uumame bal’inaan kitaabotarraa dubbisuun
ni danda’ama.
- Ummata
Oromoo fi Aadaa isaa
Ummatoota Gaafa Afrikaa qubatan keessaa Oromoon ummata lakkofsaan
heddummina qabu. Ummata Impaayera toophiyaa ka miliyoona 75-tti
tilmaamamu keessaa Oromoon gara miliyoona 40 haga 42-ti.
- Ummatoota
heddumeenna quddaa qaban kanneen ardii Afrikaa keessaa Oromoon tokko
ta’us, hawaasa addunyaa baay’e biratti hin beekamu.
Maqummaan Oromoo jedhuyyuu beekamuu dhabuun isaa haalaan qaddisiisaa
ta’us, sochiin ilmaan Oromoo gochaa jiran ilaalcha kana haqee
jijjiira jenne amanna.
- Ummatni Oromoo
saba gara dhuma jaarraa 19-ffaa keessa koloneeffataa qurraachaa
Afrikaa – Abisiiniyaa ka humnoota Awuroophatiin tin’ifameen
gabroofame. Biyyoota Afarikaa kanneen akka Somaalee, Kenya. Sudan
fi kan biros jaarrama kana keessa humnoota Awuroophaatiin gabroomfamuun
isaanii beekkamaadha. Haata’u malee, sabni Oromoo saba gurraacha
adii hin taaneen gabroofamuun isaa, akka hawaasaa addunyaa biratti
hin beekamne taasise. Akka sabni kunis rakkinnaa isaa kana hin ibsanne
haguuge.
Read Complete Article
||PDF|| |
HAQNI
QABATAMAAN
Ummata Impaayera Toopiyaa ka ammaantana miliyoona 75 tilmaamu keessaa,
ummanni Oromoo miliyoona 40 ol taya.
Addi Walabummaa
Oromiyaa (AWOn) hookkaratti hin amanu. Cunqursitootni Abisiiniyaa
osoo karaa nagayaatiin lafa Oromoo keessaa bayaanii lolli barbaachissa
miti.
Qabeenna Oromiyaa
Oromiyaan Gaafa Afrikaa keessaa oomichaa midhaan fi qaneemma bosonaatiin
biyya dureettiidha. Qabeenni isii loowwan, Buna, gogaa, midhaanzeeytaa
fi kanneen adda addaa, akkasumas albuudaa fi kkf.
|