|

Tarkaanfii
haarawaa . koree Gabaasa lolaa irraa .
10-Guyyaa snbata Guddaa ykn
gidirsanbataa 28- 6- 2009 walitti bu'iinsa diinaatif Gaachana ilmaan
oromoo
Loltuu A.W.Oromiyaa lafa gujii keessatti worartuu wayaanee human
woraanaa
konkolaataan deemu irratti tarkaanfiin fudhatameen diina wayyaanee
irraa namni
3 sadih ol du'ee nama waraanaa 4 afurii ol irraa madaahee , loltuun
A.W.O.
injifannoo han gana hin jenne Galmeessan , akka wayaaneen lafa
kaahatetti
killilii shanaffaa keesatti lolli kun raa watamee isaanii Gama somaalee
boba'utti diiinni rukutamee kuun faca'ee baqatee
11)29 06 09 Guyyaa wiixataa ganama
irraa hanga 5warra dhi. ykn akka lakofsa habashaatti sa'aa 11 lolli
deeme edduu
Lolttu A.w.oromiyatif waraana wayyaanee eddutti kibba oromiyaa zoonii
baalee ,
magaalaa oborsoo bakka jedhamutti gaara
Gaara karkarroo irratti , lolttun
teenna diina irraa namni 10 ol Ajjeesanii nama hedduun irraa madeesan ,
kan
yeroo saniif laftti argamee du'aan , akkuma beekamu diina irraa
hidhanoo
hikatanii injifanno guddaa galmeesanii jiran, lola kana irratti ummanni
keenna
kan biyyaa, kan naanno san qubatan, waan qabuun bahee meeshaa lolaatin
maddi
loltuu teennaa dhaabate wajjin lolaa oolee
12-29 06 09 guyya wixata zooni
baaletti kaluu magaala bidiretti lola sa'aa dheeraf deeme eddu Loltu
A.w.o. fi
diina ummata keenaa tarkaanfin iratti fudhatameen diina irra warana 4
ol
ajjeesani nama waranaa heddu irraa madeesan akkuma beekamu diina
wayanee irraa
hidhanoo 3 hiikatani injifanno gudda galmeesse jiraa loltuun gaachani
umata oromoo
L.A.W.O.
Kana waan taheef lammai oromoo qabsoo
hidhannoo yeroo ammaa deemaa jirtu , ummata keennaa Guddaa Abdachiftee
diina
ummata oromoo heddu naa sif tee, hamilee kuchisifte, kana waan taheef
jecha
,yaa lammi oromoo bakkuma jiruun Gaachana umata oromoo maddi haa
dhaabannuu
gargaarsaan yeroo ammaa tana dirqama oromumma dhugaa haa bahanuu.
Akkuma waadaa walii galetti tarkaanfin
keennaa itti fufaa .
In jifannoon kan ummata oromootii !!
Kana waan taheef Gaachanni ummata
oromoo Loltuun Adda walabumma oromiyaa falmii diina wajjin godhu,Guyyaa
irraa
guyyatti tarkaanfi hidhannoo itti fufaa, waadaa ummaticha isaati seene
hangga
oromiyaan Golgaa gabrummaa jalaa baatutti qabsoo itti fufa, hidhannoo
isaa hin
hiikatu, ummanni oromoo kiyyoo gabrummaa jalaa bahee Abbaan biyyummaa
isaa
mirkanaawutti uf duuba hin deebi'uu, qabsoo hin shafisaa, hanga
gabroonfataa
habashaa kan Gabroonfataa wayyaaneetin gageefamu kufee, mirgi ummata
oromoo
guutun kabajamutti qabsoon teena hin laaftu.
Kaayoon Adda walabummaa oromiyaa
,oromiyaa walabomsee Abbaan biyyummaa ummata oromoo kabajamu,Alaaba
ummata
oromoo dhaabbatuu, mirggi cunqurfamota guutun walqixummaaf dimokraatawa
argamuu, impeyarri itiyophiyaa jiguu.
A.w.oromiyaa eenu jedhee hin
jilbiifatu,
A.w.oromiyaa ,qabsoo bara laakayachisuu
osoo hin taane cal cala gabrummaa lubbu itti gabaabsu,walabummaa isaa
kaleessuu, akka dhaabotii fi namoota ,oromoo tokko tokko ana malee
ummata
oromooti, hin dhimuu, rakkoo isaa hin argu , bilisummaa ummatichaa gama
keenna
malee hin dhufu jedhe uf dhaadu hin qabnu, dorgomiin keenna wal irratti
osoo
bobaanee wal dhabamsiisuu , hin taane eynutu diina dhabamsiisaa
haatahuu,
oromiyaa keessa diina ari'ee baasa haa tahuu akka nama fiigin saaf wol
dorgomutti diina irratti haa dorgomnuu Gumaa jaallawan keenyaa baasuf
oromiyaa
wolabomsutti ,yoo kana hin tahin dhiiga jaalawan keennaa kan qabsoof
woreegamanii balleessuu tahaa kanaaf dhugaa fi irbuun jaallawan keennaa
nama
qabsoo fi qabsaawaa keenna afoo dhaabatu isa haa qabdu, Rabbin dhugaa
argu isa
haa qabu jennaa lammii oromotaatin bakka jiran maratti dhaamsa .
yaa ilmaan oromoo garanyatota
qabsootif ,jaallawan qabsoo teenaaf woreegama qaqaalii baasan, haa
nutti
mudhatu, qabsoo maqaa dhaaba qofa jiraachisu osoo hin taane,dhaabni kun
maal
dalagaa jira jenne , namoonni kun maal ummaticha isaanitti dalagaa
jirani
jennee, dalagaan haa gil gaaluu, haa madaallu. Yaa ummata oromoo, Yoo
waan jiru
dhoysan dhugaa jaallawan qabsoof kufanii dhoysuuf balleessu taha.
Kana waan taheef akka dhaabas tahee
akka nama farditis waan qabnu maraan qabsoo deema jirtu maddi haa
dhabanuu, ufi
wal arguu osoo hin tahin diina haa arginuu, tokkochummaan keenna haa
jabaatu,
akkuma jedhan tokko tahan alaa galanii, yaa lammii oromoo diina
keenatti fuula
haa deefannuu.
Yeroon murteesan amma keessa jiru kun
yeroo oromoon wal afoo dhaabatuumi yaroo wal bira dhaabatu qabnu ,waan
qabnu
hun daan ,rakkon jirullee irra walii dabrinee wolii obsinee oromoon
keenna
beekaa hayudhas,akka makmaakni oromoo jedhee (( namchatu hayyu guma
fixaa nama
Addaan galchaa Gafa tokko batalatti ummanni guddaan bahee eegaa hayicha
gumaa
fixu , dubbi gumaa haa fixuuf ganama mana qophahee isaa halangee
fudhatee fardi
fe'ameefii ashkarri isaa mana isaa bira farada feete eydi hayyicha kana
, inni
mana keessaa barcumaa irra taa'aa isaa qophetti jiru haadha mana
isaatin afaan
keessa wal dhabanii jenaan jartin , isaa barcumaa inni irra taa'u jalaa
miilan
dhooftee Lafaan dhofte , lafa dhahee hayichi , yoo ala laalu ashkarooni
isaa
argite argee, hin dubanne halangaa ufii fudhatee , gadi bahee farada
isaa yaa
batee , bakka umatichi bahee dhaqee, dubbi eegalee waan jedhe yaa
ummata kiyya
dubbi eegalee osoo waan ijoollefi dubartiinif waan walaalafi gowwaan
dalage
laalle hordofnee bkka amma jiru tana hin geennu gumaan anbaa hin
dhumtuu,
jedhee dubatee, namooni ashkartif warri dhaghee jedhee , ee imaa hayyu
namni
kun jedhee isaafu murteesse ,) akka sanii haala namaa laaluu hin qabnu,
amman
kana diinni keenna humana Guddaa qabuun waraana keenatti boba'aa jira
waan qabu
hundaan meesha fi haala isaa mijawu maranuu , irra dedeebinee qabsoo
teenna
maddii haa dhaabanu waan qabnu hun daan loltuun teenna lubbu ufii nuf
ummata
oromooti kennaa jiranii
Waraanni ummata oromoo kan oromiyaaf
Lubbuu ufii woreegaa jiru waan qab daniin nu maddii dhaabadhaa jedhee
labsa
dabarsee jira . gama sabontota ilmaan oromoo bakka jiran maratti .
Qabsoon waa heddu nama barbaachifti
1-Lubbuu uf woreeguu 2- diinaggeen
bira dhaabatuu 3- siyaasaafi beekomsaan qabsoo gumaachuu kana waan
taheef nus
waan qabnuun Gaachana fi Abddii ummata oromoo maddii haa dhaabanuu
yaroo
murteesan amaa, kana keessa woraanni A.w.oromiyaa diina kufisee kufaa
jira
ummanni oromoo waan qabuun oromiyaa keessa birmataafi jira ,jaynoonni
ilmaan
oromoo duraan faca'ani turan oromiyaa keessa bakka jirinii wal
funaananii wal
birmataa jiran diina irratti.
Sabontota ilmaan oromoo waan wol
hubachiisuun barbaachisu,
waraani keenna maqaa dhabichaatif
yokaa hogantoota keennaaf osoo uf woreeguu hin tahin , wanni inni uf
woreeguuf
mirgga ummataa keennaa kan sarbamee deebisuu Abbaa biyyummaa ummata
oromoo
kabajchiisuu, oromiyaa Golgaa gabrummaa jalaa basuufi Alaaba ummata
oromoo
Addunyaa keesatti mudhisuu ,Gumaa jaalawan qabsoo ummata oromooti
woreeganii
baasufi impeyera itiyoophia kijibaa iratti ijaarame diigu, mirgi ummata
cunqurfamaa gutun kabajamu jaalalafi walqixummaafi dimokraasiin waliin
jiraachu.
Dhaabni Adda walabummaa oromiyaa bara
gababa keessa biqilee daraaree , ummata isaati bu'aa buusaa jira.
saboontota
ilmaan oromootin, qabsoo deebisee , oromiyaa fi biiyaa Addunyaa
Guututti
keesatti caasaa diriirsee, miseensota hedduu horatee jira.
Akkasuma oromiyaa keessatti misensa
waraanatif miseensa ummata,
Guutu oromiyyaa keessatti akkaan
babaldhifatee amma akka gaaritti diina irratti tarkaanfii cicimaa diina
irratti
raawataa jiraa .
Diina wayaanee Abdii kuchisiisaa
ummata oromoo ,Abdi fi hamilee guddaa kenne jira ,Loltuun A.w.oromiyaa
wan
jedhu qabsoon ummata oromoo akkuma qabsoo cunqurfamoota Addunya bakka
isiin
malu haa argattu dhageetii haa horattu, nus wanni jedhu qabnu Akkuma
jedhamu
Abbaan iyya bahu malee firri iyya nama hin bahuu akkuma jedhamu oromoo
kanaaf
qabsoon teenalle Addunyaa Guutu rati akka dhagahmtu waadaa isinii
gallee
jirraa. Kana waan tahef jecha waan qabdaniin Gaachana ummata oromoo
Loltuu
teenna haa gumachinuufi waan qabnuun maddi haa dhabanuu bakkuma jirru
maraa
dhaamsaaf amaanaa kana isiniin Geennee jirra Lammi ilmaan oromoo biyya
alaa
jirtaniif kan biyya keessa jirtan guutu ilmaan oromoo seenaa boruutif
waan
gaarii haa dabrsinu, dhagaha wal dhageesisaa iyyaa iyya dabarsaa yaa
ummata
kenyaa warra garanyaatee qabsoo oromotif dhimmu .
I.k.u.oromooti qabsoon dhiiga malee
hin argamtuu ,kadhaan hin hin dhuftu .
Ibssa waraanaa kibba oromiyaa zoonii
booranaa irraa dabree.
Dirree qabsoo irra nu dhaqabee , koree
labsituu lolaa irraa
Oromiyaan ni wolaboomtti :: in
jifannoon kan warra haqaatii .
|